Qabiyyee laalchaa

Imaammanni gulaallii OMN qabiyyee sagantaalee omishaman, alarraa fuudhamanii karaa hulaa OMN kan akka marsariitii, raadiyoo fi televizyiinaa akka tamsa’an yookiin maxxanfamaniif yaadaman hunda irratti hojiirra oola. Akkasumas sadarkaa qulqullina naamusaa namoota OMN irra hojjetanii hunda laallata. 

OMN dokmantii imaammataa kana wanni qopheesseef istaafii gulaallii isaa irroomsuu fi qabiyyee sagantaalee dhunfaanis tahee waloon tamsaafamanii toyachuufi. Akkasumas daaw’attoonni fi dhaggeeffatoonni isaa akka itti OMN akka dhaabbata miidiyaatti hojii ogummaadhaan utubame kan dalaguu fi gaafatama isaa bahatu tahuu mirkaneessuufi. 

Gulaalaan Ol’aanaan humna gulaaltummaa guddaa fi qabiyyee OMN irratti dhihaatan kamiifuu gaafatama ol’aanaa kan qabuu dha. 

 

Hundee akeeka Gulaallii

Akeekni tajaajila ummataa OMN qabu dhugaa barbaaduu irratti hundaawa. Kanas karaa gulaallii bilisummaa qabu, kabaja dhala namummaa tiksuu, fi iftoomina dhugoomsuu waliin akeekame. Hundeen ogummaa hojii keenyaa keessatti naamusaaf bitamuuu yoo tahu, qabiyyee sagantaa keenyaa keessattis akeekaa fi kaayyoo gaazexessummaa dhugoomsuutti amanna.  



Kunis haala rakkisaa fi keessattuu akka walii galaatti Itoophiyaa fi addatti ammoo Oromiyaatti bilisummaadhaan odeessa daddabarsuun rakkisu keessatti dha. Haa tahu malee, akka dhaabbata miidiyaa Itoophiyaa keessaa kan qaawwa bal’aa gaazexessummaa walabaa dhiphisuuf hojjetutti, OMN odeessota jajjaboo qulqullinaa fi dhugaa irratti hundaawee dhiheessuuf tattaafata. Akkasumas nageenya, iccitummaa fi fedhii maddeen keenyaafis xiyyeeffannoo kennina. 

 

Walabummaa Gulaallii: Amanamtummaan, dhugummaa fi kabajaan OMN ummata isaa irraaargate akkaataa qulqullina tajaajila miidiyachi kennu irraa kan madduu dha. OMN haal duree tokko malee walabummaa gulaallii qindoomina ogummaa, iftoomina, dhugummaa fi gabaasaa madaala isaa eeggate dhiheessuuf hojjeta. OMN seerota kaayyoo gaazexesuummaa irratti cichuun laalcha siyaasaa garees tahee nam-tokkeelee kamiifuu osoo hin loogne qixa tajaajila. OMN gabaasaalee hunda hammatoo dhiheessuudhaan hawaasa bal’aa tajaajiluuf murannoo qabu mirkaneessa. 

 

Kabajaa dhala namaa: Kabajaa dhalli namaa dhaalmayaan qabu kan hortee, saba, saala, umrii, laalcha siyaasaas tahee amantii irratti hin hirkanne hundumaaf qabna. Kanaafuu jechootas tahee suuraalee maqa-balleessii fi tuffii kan ulfina dhala namaa fi namtokkeelee kamiiyyuu xiqqeessan fayyadamuu irraa jabeessinee of eegna.   

Iftoomina: OMN Seeronni iftoominaa fi qulqullummaa hordofuudhaan qooda fudhattoota isaa fi ummata bal’aa waliin qunnamtii taasisa. Kana keessatti garuu waan nageenyaa fi ulfina nam-tokkeelee tuqu hin hayyamu. 

Oromummaa jajjabeessuu: Akeekni OMN inni guddaan eenyummaa sabummaa Oromummaa fi aadaa isaa jajjabeessuu fi yaa’insa odeeffannoof haala mijeessuu dha. Kana jechuun, ummata Oromoo sirriitti hawaasa addunyaatiin wal barsiifna, akkasumas, odeessa idil addunyaa fi beekkumsa gara ummata Oromootti fidna. 

Naamusa: Namni maqaa OMNf hojjetu yookiis maqaa miidiyaachaan hojjetu tokko: 



  1. Walabummaa fi qindoomina OMN jabeessuutu irra jira. 
    • Sagantaalee OMN kan tamsa’anis tahee maxxanfaman irratti toyannoo gulaallii geggeessa. 
    •  
    • Fedhiin siyaasaa, murnummaa, daldalaa yookiis dantaan dhunfaa hojii gulaallii isaa irratti akka dhiibbaa hin qabaanne mirkaneessa. 
    • Dantaalee alaa kan malaammaltummaa makatan (brown envelopes, checkbook journalism, moonlighting, freebies) irraa cimsee of eega. 
    • Yeroo haalli shakkisiisaan dhimma gulaallii hubu yookiis wal falamsiisaa tahe dhalatu hoggana isaa olaanaadhaan gorfamuuf tarkaanfii shaffisaa fudhata. 
  2. Wanti lafarratti ibsaamu sirrii fi kan yeroo isaa eeggate tahuu mirkaneessuuf hojjechuu
    • Maddeen qabatamoo fi muuxannoo qaban addaan baafachuun irratti hirkatanii hojjechuu. Haa tahu malee Itoophiyaan alatti odeessa qabatamaa qoratanii itti bahuuf rakkoo waan tahuuf ragaaleen ijaa dhihaachuun barbaachisaa taha. 
    • Gabaasaa dhugaarratti hundaawellee tahu haala hubannoo ummataa lafarratti jal’isuu malu dhiheessuurraa of qusachuu.
    • Odeessota wal faallessuu dogoggora mul’ataa qaban osoo hojiirra hin oolchin dura rakkoo isaanii amanii fudhachuun sirreessuu fi addeessuu. 
  3. Oduu fi odeessa loogiin alatti walitti qabuu fi dhiheessuu
    • Odeessa ilaalchota gara garaa hammatu dhiheessuu, yaadni yookiis amantiin hawaasichaa kamuu akka qophxeeffamanii hin hambifamne yookiis jallifamanii hin gabaafamne ittisuu.
    • Yoo ibsuun barbaachisaa taheen alatti ilaalchi dhihaatu kamuu ejjennoo OMN kan calaqqisu akka tahe himuu hin barbaachisu. 
    • Ilaalcha kamiyyuu lagachuun hin barbaachisu, hundaafuu banaa tahuu barbaachisa. 
    • Ilaalcha tokko isa kaanirra tumsuun dhorkaa dha. Dhimma wal qabatoo tahan irratti garee kamiifuu carraa of ibsannaa wal qixatu kennama.
  4. Ulfeenya ragaa dhihaateerratti hundaawuun gabaasa madaalawaa garee hundumaa hammatu dhiheessuu. 
  5. Iccitummaa namootaa kabajuu, hayyama abbichaa malee ummata duratti beeksisuurraa eeggachuu, kunis bifa madaala eeggateen qofa taha. Uflina, nageenya qalbii fi qaamaa daa’immani fi dargaggoowwan qabiyyee kana keessatti hammatamaniif eeggannoon ni godhama.